Yuunvarsiitiin Riift Vaallii atleet kumalaa Waamii Birraatuuf Dooktara kabajaa laate

Yuunvarsiitiin Riift Vaallii har’a barattootasaa yoo ebbisiisu, atleet kumalaa Waamii Birraatuuf Dooktara kabajaa kenne.

Ebbicharratti kan argaman preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan, ebbifamtoonni beekumsa argataniin biyya isaanii akka tajaajilan dhaamaniiru.

Atleet Kumalaa Waamii Birraatuus obbo Lammaa Magarsaa harkaa Dooktara kabajaa isaanii fudhataniiru.

Yuunvarsiitiin Riift Vaalliis gumaacha isaan biyyaaf taasisan kanaaf beekamtii laachuun, har’a ebba barattoota damee Finfinnee 6 magaalaa Finfinnee galma Barkumeetti wayita ebbisiisu laatefira.

Yuunvarsiitichi barattoota ogummaa fi teeknika, digrii jalqabaa fi lammaffaan; gosa barnootaa 22n barsiisaa ture 3261 kan har’a ebbisiise.

Waamii Birraatuu meedaaliyaa 80; warqee 30, meetii 40 fi maaldaa 10 argamsiisaniiru.

Atleetichi biyya isaanitiif gumaacha guddaa taasisanif beekamtii amma argachuu qaban hin argannes jedheera yuunvarsiitichi. Yuunvarsiitichi badhaasa Birrii kuma 100 laatefira.

Yuunvarsiitiin Riift Vaallii bara barnootaa 2010 sagantaa digrii 3ffaa (PhD) gosa barnootaa lamaan barsiisuu akka karoorfate ibseera.

Mulgeetaa Tarrafaa fi Dabalee Gaarradootu gabaase.