Shororkeessummaa dhiigaan haqame…!!!
Yeroosan Toleeraa
Sirna bulchiinsa biyya kanaa keessatti sababa teessoo geggeessummaa jaalachuu
irraan kan ka’e dimokiraasii dhugaa babal’isuu caalaa hojiiwwan dimokiraasii doomsan
akka malee babal’atanii turan jechuu ni dandeenya.
Biyyoota Dimokiraasiin dhugaa dagaage keessatti, gareen barbaade paartiin siyaasaa
ykn jaarmiyaan siyaasaa tokko kan isaaf hin taane yoo ta’e dhaabbata siyaasa mataa
isaa akka barbaadetti qindeeffatee biyya sana keessatti dorgomuuf mirga guutuu qaba.
Mirga isaa sanas akka barbaadetti itti fayyadamuu danda’a.
Ammayyummaa kan jedhamu dursa ammayyummaa yaadaa irraaa kan dhufuudha
malee meeshaalee ammayyaa fayyadamuu akka hin taane nama jalaa kan dhokatu miti.
Yaadaan ammayyoomuun ammoo taphni siyaasaa taphattootaaa fis ta’e hordoftoota
siyaasa jedhame sanaatti akka bareedu taasisa.
Egaa gara biyya keenyaatti yemmuu deebinu, sirna bulchiinsa ammayyaa’aa ykn
dimokiraatawaa erga jalqabnee oollee bubbullus, warri dirree keessaa siyaasa kana
taphatan sirni dimokiraasii nuti amma jalqabne umriidhaan xiqqoo waan taateef suuta
suuta guddifna malee aluma tokkoon mirga kana fuunee namaaf hin laannu waan jedhu
yeroo baayee isaanii dubbatu ni dhageenya. Al tokko tokko ammoo yeroo itti warri
siyaasa geggeessan dimokiraasiin biyya kanaaf isa bu’uuraa waan hin taaneef ammaaf
misooma qofa babal’ifnee dimokiraasii jedhamu kana boodarra fidna. Kanaaf ammaaf
dimokiraasiin nu hin barbaachisu kanneen jedhanis hedduu dha.
Biyyi keenya kun uumamuu isheerraan jalqabee biyya gargaarsa warra Awurooppaatii fi
kanneen biroon jiraattu waan taateef maqaa dimokiraasii jedhamu kana dhaga’uu kan
jibbitu taatus gargaarsa jedhame kana argachuudhaaf dimokiraasii waan jedhamu kana
itti fakkeessuun dirqama itti ta’aa waan dhufeef hamma tokko sochii babal’ina sirna
dimokiraasii kana yaaluu eegalte.
Kanarraan kan ka’es paartilee Siyaasaa kanneen morkatoo ta’an biyya kana keessatti
akka gurmaa’aniif ittuma didaa heyyamni yeroo itti kennamus ni argina. Hubadhaa as
irratti paartileen siyaasa morkattoota jedhaman kun geggeessummaa biyyaa keessatti
qooda fudhatanii yaada qaban sana biyyaaf akka qoodan osoo hin taane, golgaa sobaa
maqaa dimokiraasiitiin gargaarsa ittiin biyya alaatii ittii funaannatan waan ta’eef as
keessatti paartiin morkataan guddina biyya kanaa keessatti ga’ee isaa ba’uu dhiisaatii
ofii isaatiiyyuu (paartiin) lubbuun jiraachuudhaaf yoo afaan isaa qabatee wantoota biyya
kana keessatti ta’an kanneen akka sarbamuu mirga namoomaa, nyaatamuu qabeenya
uummataa fi mootummaa, fi kkf utuu ijasaan arguu callisee bira hin dabarre taanaan
paartiin jedhame suniyyuu ofii isaatii ni diigama waan ta’eef, paartilee morkattootaaf
iyyuu baayee sodaachisaa ture jechuu ni dandeenya.
Kun egaa seenaa waggoota dheeraa barreessaa kanan jiru osoo hin taane, seenaa an
ofii kootii beeku waan ta’eef waan kana barreessuufis nama gaafachuu na hin
barbaachisu. Fakkeenyaaf naannoo an keessatti dhaladhee guddadhe Naannoo
Oromiyaatti erga bara 1966 eegalee paartiin siyaasa ABO uummta Oromoof qabsaa’aa
ture, injifannoo ADWUIn mootummaa Dargii irratti argate keessattis ga’ee mataa isaa
kan qabu, dhaabbata Siyaasa Oromooo cimaa akka ta’e hundumti keenyayyuu ni
beekna. ABOn fayyadamummaa Uummata Oromoo akkasumas sabaa fi sab-lammoota
biyya kanaa wal-qixatti dhugoomsuuf kan qabsaa’aa ture yoo ta’ellee adeemsawwan
shira diinaatiin akkasumas miiraan oofumaa miseensotuma dhaabbatichaa irraan kan
ka’e rakkoowwan wal-hubachuu dhabuu waan uumameef, sobaan maqaa ABO
xureessuudhaan fiilmiiwwan sobaa maqaa ABO xureessu hojjechuudhaan hawaasni
akka dhaaba kana shakku waan ta’eef yeroodhaaf kaayyoon dhaaba kana hawaasa
biratti akka shakkamu taasisuu cimee itti fufee ture. Fiilmiiwwan sobaa kunneen hagas
mara fudhatama waan dhabaniif warreen shira akkasii xaxaniif akkaataa isaan yaadanitti
ta’uufii hin dandeenye jechuun ni danda’ama.
Kanaaf murtoo inni dhumaa isaan fudhatan, dhaabbata uummatni onnee isaarraa jaalatu
kana maqaa xureessuudhaan akka dhaabni kun laafu gochuu akka furmaataatti
fudhatan.
Innis ABO tti maqaa “:shororkeessaa” jedhu maxxansuudhaan bara baraan ol jedhee
akka inni biyyasaa keessa hin sochoone gochuudhaan tapha siyaasaa ala taasisuuf
murtoon bara 2002 akka darbe anuu nan yaadadha.
Egaa erga bara 2002 ykn waggaa saglan darban kanaatii maqaan ABO jedhamu kun
akka shororkeessaatti waan moggaafameef dhaabichis ta’e deggertootni dhaaba kanaa
biyya kana keessatti akka fedhii isaaniitti kan jiraachaa turan osoo hin taane, akka fedhii
warreen taayitaa mootummaan qabatanii uummata biyya kanaa dararaniitti kan
jiraachaa turanii dha jechuun ni danda’ama.
Namni kanaan dura lakki an dhaaba siyaasa biraa hin barbaadu an ka’umsikoos
galumsikoos ABO dha jedhee socho’u kamiyyuu hireen isaa mirga ofii akka barbaadetti
fayyadamuu osoo hin taane, bakka isaaf qophaa’e mana hidhaatti dararamuun hojii idlee
ta’ee ture. Sababnisaa ta’e jedhamee ABO kana seeraan akka adabamuuf jecha
maqaan shororkeessummaa jedhu waan itti kennameef namni maaliif hiite, maaliif hiikte
jedhus waan hin jirreef mootummaadhaaf lammilee ABO jaalatan dararuun hojii idleeti
jedhuun ni danda’ama.
Sababni kun ta’uu danda’eef ammoo maqaan Shororkeessaa jettu sun akka
addunyaattuu maqaa xiyyeeffannoo guddaan itti kennamee hojjetamaa jirtu waan
taateef xiyyeeffannoo addunyaallee argachuudhaaf ABO tti maqaa akkasii kennuun
filannoo isa xumuraa ture natti fakkaata.
Egaa gara dubbiikoo har’aatti gaafan deebi’u, kana booda ABOs ta’e dhaabbanni
kamiyyuu sabakoo tiifan qabsaa’a kan maqaan akkasii kun irraa haqamee mirga guutuu
dhaan hawaasa isaatiif qabsaa’uu akka danda’u seeraan ifatti waan mirkanaa’eef ABO
dhaafis barri dhufeera jechuu ni danda’ama.
Kana booda ABOn qaama shororkeessaa osoo hin taane, dhaaba mirga guutuudhaan
akkaataa heeraa fi seera biyya kanaatti socho’ee lammilee biyya kanaa tajaajilu ta’uu
isaa dhaga’uun keenya dimokiraasiin biyya kanaa hagam guddachaa akka jiruuf dirree
siyaasa biyya kanaa akkuma waadaa galame babal’achaa akka jiru mirkaneessaa jira.
Shororkeessummaan jedhame kun ABO irraa kan haqameef akka salphaatti osoo hin
taane, dhiiga ilmaan Oromoo kan paartii Siyaasaa kamiinuu deggeruuti. Kanaaf
bilisummaa amma argamaa jiru kana of harkatti qusannee dimokiraasii dhugaan biyya
kana keessa akka jiraatu taasisuun dirqama hunda keenyaati.
Xumura irratti kana booda Oromoon karaa kamiinuu taanaan injifannoo dhiigaan argame
kana salphaatti dabarsee ormaaf laachuu hin qabu ykn ammoo gochaawwan sabaa fi
sab-lammii biyya kanaaf sodaa uumu godhee maqaan duraan kenname kun edaa
silumayyuu dhuguma shororkeessaa dhaa akka hin jedhamne irraa of eeggachuunis
barbaachisaa dha.
Barri haaraan kun kan nageenyaa, badhaadhinaa fi waan barbaadne itti argannu nuuf
haa ta’u !!!
Horaa Bulaa!!