Arbanyooch Ginboot 7 Finfinnee Galan

Paartin siyaasaa Arbanyooch Ginboot 7 Proofeesar Birhaanuu Naggaan duurfamu har’a biyya galan.

Jilli kun ganama yeroo buufata Xiyyaara Boolee Idil Addunyaa gahanitti Ministira Dargaggoo fi Ispoortii obbo Ristuu Yirdaa, Deettaa Ministira Alaa Proofeesar Afawarqi Kaasaa fi Ambaasaaddar Ayyaanoo akkasumas jiraattoota magaala Finfinneetin simannaan ho’aan taasifameefi jira.

Dura Taa’an dhaabichaa Proofeesar Birhaanuu Naggaa, ibsa kennaniin jijjiirama biyya keessatti dhufe hordofuun gara biyyaatti deebi’uu isaanii ibsaniiru.

Biyya keessattis jijjiiramoonni amma dhufan akka itti fufaniif qaamota garaa garaa waliin ni mari’anna jedhaniiru.

Arbanyooch Ginboot 7 kaampii loltootaa Eertiraa jiru duursee diigun isaa ni yaadatama.