Atileet Fayyisaa Leellisaa Simachuuf

]Gootichi maraatoonii Atileet Fayyisaa Lellisaa torban dilbata dhuftuu Fulbaana 23/2018 gara biyya abbaa isaatti gala.Koreen biyyaaleessaa sadarkaa biyyaatti ijaaramee fi Koreen Atileetiks Federahinii Itiyoophiyaa ibsa Waliin kennaniin Boolee fi Istadiyeemii Finfinneetti simannaa gootaaf malu gochuufiif akka qopha’an ibsa gaazeexeessitootaaf Hooteela Ililliitti kennaan beeksisaniiru. Dastaa Atoomaatu gabaase.