Barsiisan Barataadhaf Qoramaa Ture Hidhaa Waggaa 5n Adabame

nfinnee, Hagayya 9,2010(FBC)- Barsiisan barataadhaf qormaataf taa’e, hidhaa waggaa 5n adabame.
Dubbichi kan mudate Buruunditti.
Barsiisaa fi dura taa’an mana barnootaa kun maqaa barataa tokkootin qormaata seensa yuunvarsiitii qoramuudhaf wayita qormaatarra taa’etti qabamee himatamuudhan hidhaa waggaa shaniitin kan adabame.

Beenjaamiin Maaniiraamboonaan magaalaa Bujumburaatti dura taa’aa Koolleejjii Teeknikaa Betereeree ture.

Haata’uutii badii raawwateen hidhaa waggaa 5n ala, waggoota 10f barsiisummaa fi hojii mootummaarraa dhoorkameera.
Dhimmicharratti kan hirmaatan barsiisaan herreegaa Eeriik Nikurunziizaa fi barsiisaa Laazaard Niiheezaagireen ammo hidhaa waggaa lamaatin akka adabaman itti murtaa’era.

Dura taa’ichi qormaata seensa yuunvarsiitii barataa tokkoof qoramaa wayita jiranitti to’annaa poolisii jala kan oolan.

Maddi; BBC