Haala Yeroo irratti Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Biyyattii Keessatti Dirreen Dimokiraasii Akka Babl’atu, Paartileen Siyaasaa Morkattootaa Biyya Keessaas ta’e Alaa Galanii Karaa Nagaa Ejjennoo isaanii Akka Tarkaanfachiisaniif Waamichi Mootummaan Taasise Gama Kamiinuu Hin Gufatu!

Gaaffilee mirga namoomaa fi dimokiraasii, walqixummaa sabaa, sablammootaa fi uummattootaa akkasumas fayyadamummaa lammiilee keenyaa mirkaneessuun walqabatee Mootummaan jijjiirama fi tarkaanfilee gurguddoo hedduu fudhatee jira. Kanneen keessaa inni tokko paartileen siyaasaa kamiyyu gara biyyatti galuun ejjennoo fi tarsiimoo qaban karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een akka dhiyeeffatan maqaa gara garaa itti maxxanee ture irraa haquun dirreen siyaasaa akka bal’atu hojiin guddaan hojjetameera; hojjetamaas jira.

Paartileen siyaasaa waamicha mootummaan taasisee fi haala mijataa uumameen biyya isaanii keessa taa’anii tarsiimoo fi ajandaa qabaniin qabsaa’uu haallli dandeessuu uumamuu isaatiin paartileen siyaasaa biyya alaa turan gara-garaa bakka deeggartootnii fi aanga’oonni Mootummaa argamanitti simannaa ho’aan taasifameefii galan jiiru, kan galuufis qophii isaanii xummuranis jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo /ABO/nis waamicha gama Mootummaan taasifamee fi waliigaltee irra ga’ame fudhatee gara biyyaatti galuuf qophii isaa xummuree, Fulbaana 5, 2011 simannaan oggantoota addichaa buufata xayyaaraa Idila Addunyaa Booleetti bakka deeggartootni isaa fi aanga’oonnii mootummaa argamanitti ni taasifama. Kunis bu’aa qabsoo uummata Oromoofi hoggansa haaromsaa MNO waan ta’eef gammachuu hunduma keenyaati.

Haata’u malee qaamonni jijjirama dhufe kana gufachiisuu barbaadan bifa adda addaan socho’aa jiru. Keessumatti dhimma alaabaan walqabatee aadaa wal danda’uu diiguuf, walshakkiin akka jiraatu taasisuuf, darbees walitti bu’insi sabaa fi sablammoota gidduutti uumamee lubbuun namaa akka darbuufi qabeenyi akka manca’u, itti fufees aadaa dimookiraasii biyyattii keessatti babal’achaa dhufe akka gufatuuf sochiin tokko tokko qabatamaan mul’atee jira. Alaabaa sababa gochuun deeggartoota ABO fi kaneen biroo gidduutti walitti bu’insa uumuun jijjiirama dhufe duubatti deebisuuf yaaluun ni mul’ata.

Haata’u malee sabni Oromoo ijaarsa sirna federaaliizimii keessatti shoora guudda akkuma bahaa ture ammallee qaama kamiyyuu caala quuqamaa fi xiiqiin, darbees waldhaga’uun ajandaalee xixxiqqaa qaamni gufuu jijjiiramaa bocee ummata keenya burjajjeessuuf yaalu bira darbee sirnichaaf waardiyyaa dhaabbachuu qaba.

Qaamni kamiyyuu alaabaa fedhe qabatee karaa nagaan dhaaba siyaasaa barbaade simachuun mirga isaati waan ta’eef anatu siif beeka jechuun fedhii ofii nama biraa irratti fe’uuf yaaluun madaallii kamiiniyyuu fudhatama hin qabu. Kanaaf kaayyoo qaamolee nageenya ummataa boressuuf socho’aa jiranii fashalessuuf jaalalaa fi kabaja sabaafi sablamotaaf qabnu akkasumas sirna federalizimii ijaarruf ga’ee bahataa jirru hunda karaa agarsiisuun ga’ee nurraa egamuu bahachuun barbaachisaa dha
Sirna Simannaa Adda Bilisummaa Oromoo /ABO /irratti argamuuf qeerroo fi uummanni karaa nagaa fi tasgabbii qabuun sagantichi akka xumuramu taassisuuf ga’ee guddaatu irraa eegama.

Qaamoleen nageenyaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee fi Federaalaa, akkasuma poolisiin Oromiyaa sagantaan simannaa kun karaa nagaa akka xumuramuuf qindoominaan qophii kan xumuran waan ta’eef ummanni keenya qaamolee nageenyaaf tumsa barbaachisu taasisuun sagantichi karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka raawwatamu qoodu nu irraa eegamu akka baanu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha isiniif dhiyeessa.
BDhKMNO
Fulbaana 4, 2011
Finfinnee