Imaammattoota Bu’a Qabeessa Hin Taane Fooyyeessuuf Ogeeyyota Waliin Mariin Ni Gaggeeffama-Dammaqaa Makonnin

Ityoophiyaatti damee omishaa irratti, sassaabbii taaksii biyya keessa fi raawwii daldala alaa irratti hanqinoonni jiraachuu Itti Aanan Muummee ministiraa obbo Dammaqaa makonniin ibsaniiru.

Fooramii dinaagdee biyyaalessaa qophaa’e irratti kan argaman Itti Aanan Muummee ministiraa Imaammattoota bu’a qabeessa hin taane irratti yaada ogeeyyotaa fudhachuun guddina dinaagdee haala itti fufsiisun danda’amu irratti ni hojjetama jedhan.

Daarektarri Olaanaa Inistiyuutii Misooma fi Qorannoo Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalaw gama isaanitiin imaammatni walitti bu’aan guiddina dinaagdee irratti dhiibbaa qabaachuu himaniiru.

Komishiiniin Komishinara Pilaanii Biyyaalessaa obbo Iyyoob Takkaaleny dinaagdeen rakkoo keessa galuu ibsuun hanqinoota jiran furuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.