Jaappaan Bubbee Taayfoon Jedhamuun Rukutamte

aappaan waggaa 25 booda bubbee cimaa taayfoon jedhamuun waan rukutamteef namoonni miliyoona tokko ta’an qa’ee akka gadhiisan ta’eera.

Sababa kanaan balalliin fi imalli Xiyyaara, baaburaa fi bidiruu 100 adda cite jira.

Bubbeen kun sa’aatii tokkotti kiloomeetira 172 kan fiigu yoo ta’u, rooba cimaa fi sigiiga lafaaf ka’umsa guddaa ta’a jedhameera.

Guyyoota itti aananitti buubbeen cimaa fi lolaan ni muudata, kana malees namoota kuma 10tti lakkaa’aman anniisaa ala godheera.

Muummeen ministiraa biyyattii waltajjii waamun hawaasni of eeggannoo gochuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Madda: BBC