Jijjiirrama Ityoophiyaatti Dhufaa Jiru Itti Fufsiisudhaaf Waliigalteen Biyyoolessaa Fi Araarri Duursuu Qaba Jedhame

Jijjiirrama Ityoophiyaatti dhufaa jiru itti fufsiisudhaaf waliigalteen biyyoolessaa fi araarri duursuu qaba jedhe Koreen Qindeessituu Waliigaltee Biyyoolessaa fi Araara Ityoophiyaa.
 
Korichi har’a Hooteela Raasitti ogeeyyota seeraa, bakka buututa waldaalee hawaasummaa, sooreyyii fi qooda fudhattoota waliin tokkummaa biyyaarratti mari’ateera.
 
Seermaleessummaan naannolee muraasatti muul’atu jijjiirramichaaf gufuu akka hin taane hunduu ga’eesaa ba’achuu qabas jedhameera.
 
Gaaffii ummataa deebisuudhaf ammoo fooyyessi heeraa fi labsii kan barbaachisu ta’uu waltajjichaan ka’eera.
 
Nagaa fi tasgabbii biyyattiitti itti fufsiisudhaaf haaloo fi jibbiinsa irraanfachuudhan, dhiifama waliif gochuun akka barbaachisu eerameera.