Miseensonni Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaa Hojjettoota Geeggarsaa Gudeedudhaan Adabaman

Miseensonni raayyaa ittisaa Sudaan Kibbaa hojjettoota gargaarsaa gudeedudhaan adabaman.
 
Manni Murtii Yakka Waraanaa Sudaan Kibbaa loltoonni 10 hojjettoota gargaarsaa gudeeduu fi gaazexeessitoota ajjeesudhaan balleessadha jedheenira.
 
Yakkichi magaalaa Juubaatti bara Faranjootaa 2016 Hoteela Taraa’iinitti kan raawwatamedha.
 
Murtichis bakka diippiloomaatonni, hojjettoonni gargaarsaa fi abbootin taayitaa biyyattii argamanitti kan laatame jedhameera.
 
Yakkichi yammuu raawwatamu miidhamtoonni iyyatanis nagaa kabachiistonni Dhaabbata Mootummoota Gamtooman akka hin qaqqabiniif eeramaa tureera.
 
Waraana guyyoota 3f toorichatti gaggeeffameen nagaa kabachiistota dhaabbatichaa 2 dabalatee lubbuun namoota 70 darbeera.
 
Shakkamtoota keessaa 1 bilisaan kan gadhiifame yammuu ta’u, tokkommoo mana hidhaa keessatti rakkoo fayyaatin lubbuun isaa darbeera.