MM Dooktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Kiristaanatiin baga ittiin isin ga’e jedhan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy ayyaana Masqalaa ilaalchisuudhan ibsa kennaniin akka beeksisanitti, ayyaanni Masqalaa kan kabajamu hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ta’us, kabajaa fi abbummaan isaa kan ummata Ityoophiyaati jedhan.

Akkuma fannoon Kiristoos inni awwaalame barbaachan argame, dhugaanis kan hin dhokanne ta’uu ayyaanicharraa ni baranna jedhaniiru.

Har’a yeroo kamuu caalaa dhugaadhaaf yeroo itti dhaabbannu jedhanii, maqa balleessaa, olola, ragaalee dogongoraa yeroodhaaf gufuu ta’an bira tarree akka seenaa fannoo Iyyasuus dhugaa keenya baasnee ni agarsiisna jedhan.

Damaraan mukeen guuramaniin guutuu akkuma ta’u, nutis ida’amneen walirraa bareenna jedhan. Kopha kophaa ni kufna; ida’amnee garuu jaboo taana jedhaniiru.

Nuti Ityoophiyaanonni rakkoolee maraa agarreerraa; kan jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy amma ammoo ida’amnee waltumsuudhan biyya yaa ijaarrun dhaaman.

Akka Damaraa ida’amnee walutubuudhan, ifaan Damaraa dukkana akkuma saaqu nutis rakkoolee biyya keenyaa hiikudhaaf waliin haa dhaabbannu jedhaniiru.