“Nageenya Sudaan Kibbaati buusuuf IGAD waan isaaf danda’ame hunda ni taasisa” Dr Warqinah Gabayyoo

Nageenya Sudaan Kibbaatif Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) waan isaaf danda’ame kan taasisu ta’uu ministirri Dhimma Alaa FDRI Dooktar Warqinah Gabayyoon himan.

Dooktar Warqinah kana kan jedhan walga’ii addaa ministiroota IGAD irratti. Waliigalteen nageenyaa Sudaan Kibbaa haala gaaridhaan deemaa akka jirus Dooktar Warqinah eeraniiru.

Mootummaa fi falmattoonni biyyattii rakkoo isaanii karaa nagayaatin furuuf carraaqqin taasisaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uus ibsaniiru. Rakkoo hamaa ummanni Sudaan Kibbaa arge furuuf IGAD qaamolee mara waliin kan hojjetu ta’uus ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah himaniiru.

Waliigalteen Jibuutii fi Eertiraa nagaa fi tasgabbii naannichaa kan cimsu ta’uu eeraniiru. Waltajjiin marii ministirootaa akkuma xumurameen mariin dureewwanii IGAD ministiraa muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin duurfamu kan gaggeeffamu ta’a.