Nuu waliin dhaadanaa, Wal malee maal qabna?

Guyyaa har’aa magaalaa Adaamaa keessatti daa’iman darbaman shan guddifanaan kennamaniiru.

Guyyaa har’aa sagantaa daa’iman magaalaa Adaamaatti daa’iman guddifachaan keennuuf qophaa’e irratti dubartoota afuriifi abbaan qabeenyaa tokko daa’ima tokko tokkoo walumatti daa’ima shan (5) guddifachaan fudhataniiru.

Wal malee maal qabna rakkoo gara garaa irraa kan ka’ee daa’iman humaa hin beeyne, badii tokko hin qabne fi fedhinaa isaanitiin aala gara addunyaa kana akka dhufan taasifneef eegummaa fi guddisa isaanif malu akka argatan godhuun dirqama matii akka ta’e beeku qabna, kun dirqama maatii, hadhaa fi abbaati, garuu dirqama kana dagachuun daa’iman yeroo darbaman ni mul’ata.

Lammiin isaani immoo akkanatti waliif birmachuun gaachana lammii ta’u mirkaneessuufi fakkenya guddaa ta’uu isaani irraa barnoota guddaa fudhachun nutiis hamma dandeenyun lammilee keenya bira dhabbachu qabna jenna.