Simannaan ABOf simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamuudha.

Simannaan Adda Bilisummaa Oromoof taasifamu simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Dooktar Nagarii Leencoo miidiyaaf ibsa kennaani jiru.

Dooktar Nagariin ibsa keennaniin jilli ABO biyya alaa jiru fulbaana 05,2011 gara biyyaatti galuusaatin wal qabatee simannaa addaa taasisuuf qophiin taasifamaa jira.

Dooktar Nagariin simannaan kun kabaja ummata Oromoof taasifamu kana karaa nagayaafi tasgabbiin akka xumuramu ummanni tumsa gochuu qaba jedhani jiru.

Qabsoo taasifameen dirreen dimookraasii ballachuusaatiin wal qabatee paartilee siyaasaa biyya alaa jiran garaa garaaf sadarkaa naannoo Oromiyaatinis ta’e sadarkaa Federaalaatti simannaan taasifamaafi akka jiru himan.

Qaamni kamiyyuu alaabaa ykn asxaa na ibsa jedhu qabachuu akka danda’ufi qabsoon taasifamees walqixxummaafi bilisummaan yaada keenyaa akka ibsannuudha.

Magaalaa Finfinneetti guyyaa kaleessaafi guyyaa har’aa iddoowwan tokko tokkootti alaabaan akka hin fannifamne dhorkuf sochiin taasifamu madaallii kamiinuu fudhatama kan hin qabneedha jedhani jiru. Caalaa Barkaatu gabaase.