Tokkummaa keenya daran cimsun injifannoo caalmaaf hojjechu qabna.

tokkummaa keenya daran cimsun injifannoo caalmaaf hojjechu qabna.

Akka oromiyatti yeroo jalqabatiif hayyoota oromoo Baha Oromiyaa Caayaa ykn Gaaddisa tokko jalatti gurmeessuuf Caayaan Hayyoota
Oromoo hundeeffame jira.

Qeerroof Qarreen, Abbootiin Gadaa fi Amantaa, Jarsooliin Biyyaa, Hayyoonni fi kutaaleen hawaasa adda addaa Baha Oromiyaa Tokkummaa sadarkaa hundatti eegalamee daran hidda jabeeffatee bu’aa barbaadamuu milkeessuun akka danda’uuf yaadamee guyyaa har’aa Magaalaa Hararitti siirna miidhagaa taheen mariin gaggeeffamee ooleera.

Hundeeffamni CAAYAA HAYYOOTA OROMOO guyyaa har’a jechuun qaammee 04/2010tti magaala Harar galma Calanqootti bifa ho’a ta’een gaggeefamee jira.