Yaa’ichi injifannoo guddaadhan xumurameera” Dura taa’aan ODP fi MM Dooktar Abiyyi Ahimad haasaa cufiinsa yaa’ii 9ffaarratti taasisan

“Yaa’ichi injifannoo guddaadhan xumurameera” Dura taa’aan ODP fi MM Dooktar Abiyyi Ahimad haasaa cufiinsa yaa’ii 9ffaarratti taasisan

Yaa’in Paartii Demokraasummaa Oromoo (PDO) magaalaa Jimmaatti guyyoota shaniif gaggeeffamaa ture murteewwan garagraa dabarsuun xumurameerratti dura ta’aan paartichaa fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad haasaa taasisaniin akka beeksisanitti yaa’ichi injifannoo guddaadhan xumurameera.

Paartichi maqeeffama, aasxaa, faaruu fi dambii ittiin bulmaataa dhaabni kun ittiin geggeeffamu haaraa qopheessuu qofa osoo hin taane qobsoo ummata Oromoo gara fuulduraatti tooftaa itti fufsiisuun danda’urratti gadi fageenyaan mari’atee mutee dabarseera jedhan.
Gama biraatin geggeessitoota haaraa bor biyya kana geggeessuu danda’anis iftoominaan akka filate himaniiru.
Seenaa dhaaba kanaa keessatti karaa hin baratamneen filannoon dimokiraatawaa fi iftoomina qabu geggeeffamuus ibsaniiru.

Kana keessattis dargaggoonni humna qabanii fi injifannoo kana gara fuulduraatti deemsisuu danda’an jedhamee itti amaname baay’naan filatamaniiru jedhan Dooktar Abiy.
Muuxannoon kun dhaabbilee siyaasaa biroofillee barumsa guddaa kan dabarsudhas jedhan.
Hoggantoonni sadarkaan jiranis gaafa aarsaa qeerroo gaafa aangoo ammoo ofii qofan qabadha jedhanii yaaduun sirrii waan hin taanef, qeerroowwan ga’oomsaa gara hoggansaatti fiduun egeree biyya kanaa dhaalchisuun barbaachisaadha jedhan.

Hoggantoonni amma ummata keenya tajaajiluuf filatamtanis ummata Oromoo miiraan abdii qofaan goyyomsuu osoo hin hin taane, kutannoofii hojii qabatamaan ummata kana tajaajiluu qabdus jedhaniiru.