Yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa Dh.D.U.O.

1. Yaa’iin dhaabbatummaa 9ffaa Dh.D.U.O. mata duree Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf jedhuun magaalaa Jimmatti Fulbaana 8-10 bara 2011 gaggeeffama.
2. Paartichi gabaasa raawwii hojii waggoottan sadan darbanii, gabaasa komishinii odiitii fi to’annoofi tarsiimoo qabsoo fuula duraa irratti mari’atee mirkaneessa jedhamee eegama.
3. Paartichi Yaa’ii kanarratti maqeeffama haaraa, asxaa fi faaruu Paartichaa ”Rebrand” gochuun ni mirkaneessa.
4. Sirna baniinsaa yaa’ichaarratti namoonni kuma 6 ol ni argamu. Namoonni 1,070 sagaleen, 275 ammoo taajjabaa ta’anii ni hirmaatu.
5. Sirni baniinsaa OBN dhaan kallattiin tamsa’a.
6. yaa’ichi dargaggoota dandeettii fi gahumsa qaban Koree giddu-galeessaatti filachuun qabsoo yeroo itti aanuu saffisiisuuf ni murteessa jedhamee eegama.
Yaada mo’ataa injifannoo caalmaaf!