Walharkaa fuudhinsi Paarkii indaastirii Jimmaa marsaa jalqabaa Onkololeessa 5 ni gaggeeffama

Oct 10, 2018

Ijaarsi Paarkii indaastirii Jimmaa marsaan jalqabaa xumuramee Onkololeessa 5 sirni walharkaa fuudhuu ni gaggeeffama jedhame.

 

Ijaarsa paarkichaa Doolaara miiliyoona 71.6n gaggeessaa kan ture dhaabbanni Chaayinaa CCCC Koonistiraakshin Onkololeessa 5,2011 Koorporeeshinii Paarkota Indaastirii Ityoophiyaatif ni dabarsa jedhameera.

 

Ijaarsi marsaa jalqabaa lafa heektaara 75 irratti kan gaggeeffame yammuu ta’u, sheedota 9 qaba.

 

Sheedota salgan keessaa sheedonni 5; tokkoon tokkoon isaanii lafa kaaree meetira 5,500 irratti ijaarraman.

 

Arfan isaanii ammoo lafa kaaree meetira 3,500 irratti kan ijaarramani.

 

Abbootin qabeenyaa Emmireetota Arabaa Gamtooman huccuu fi uffannaawwan addaddaa dabalatee damee oomishaarratti bobba’an sheedota ijaarraman kanneen fudhataniiru.

 

Paarkin Indaastirii Jimmaa marsaa 5n guutummaadhan ijaarrameet xumuramaan eegama.