ADWUI tokkummaa keessoosaa cimsee dhaaba biyya tajaajilu ta’uuf ni hojjeta- Dr Abiy

Sirni cufiinsaa yaa’ii idilee ADWUI 11ffaa istaadiyamii Hawaasaatti gaggeeffameera.

Sirnicharratti jaarsolii fi jiraattonni magaalaa Hawaasaa Daa’ee Buushuu jechuun; sirna Qaxeelaatin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi jaalleewwan isaanitiif bara hojii gaarii hawwaniiru.

Sirna cufiinsaa istaadiyamii Hawaasaatti gaggeeffame kanarratti dura taa’aan ADWUI fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin dhaabni isaanii ADWUIn tokkummaa keessoosaa cimsee, tokkummaa ummataa eegudhaan biyya kan tajaajilu ta’uuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Qaamolee biyya diiguuf hojjetaniif mootummaan obsa takkallee akka hin qabaatin dhaamaniiru.

Mootummaan nageenya lammiilee fi biyyaa eegudhaaf cichoominaan kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Dooktar Abiy hsaa isaanitiin dhaabbanni isaanii filannoodhan sagalee ummataa argannaan dhaaba biyya tajaajilu ta’ee kan itti fufu akka ta’e, paartileen morkattootaas adda bittinuurra walitti dhufanii humna waliif ta’uudhan biyya demokraatessuuf akka hojjetan dhaamaniiru.

Paartileen kaanis akka dhaaba isaanii humna haaradhaan akka ijaarramu, dargaggootaa fi dubartootanis akka ijaaramu dhaamaniiru.

Paartileen morkattootaa cimanii filannoodhaf of qopheessan malee dorgommiin kan itti ulfaatu ta’uu eeraniiru.

Miidiyaalen aantummaa jaarmiyaalee siyaasaa ta’uu keessaa akka ba’an, waan dhoksaa fi duuban hojjetamu dhiisanii ummata qixa akka tajaajilan, demokraasii akka ijaaran, kallattii akka eeran, namoonni dhuunfaatis aadaa Ityoophiyummaa cimsuuf akka hojjetan dhaamaniiru.

Invastimantii cimsuudhaf abbootii qabeenyaa fi alaa jajjabeessudhaan carraa hojii uumuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hojimaata viizaa salphisuudhan Afrikaanonni daawwannaaf Ityoophiyaa kan dhufan waan ta’eef obboleewwan keessan keessummeessudhaaf qophaa’aa jedhaniiru Dooktar Abiy Ahimad.

Dargaggoonni biyyattii waltumsaan hojjechuudhan gaaddisa akka waliif ta’an gaafataniiru.