Dr Abiyyi Wiilcharoota Mootoraayizdi tahan 36 Deeggarsaan Kennan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad, wiilcharoota mootoraayizdi tahan 36 qaamooleen garagaraa deeggarsaan arjooman keessaa har’a qaama miidhamtootaf kennaniiru.

Dooktar Abiyyi gara fulduraas deeggarsa walfakkaataa taasisan kan itti fufan ta’uu sirnicharratti ibsaniiru.

Abbootin qabeenyaa, dhaabbileen miti mootummaa, dhaabbileen amantaa fi dhaabbileen addaddaa qaama miidhamtootaf deeggarsa akka taasisan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad qaamolee hanga ammaatti deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Lammiileen deeggarsa argataniis Dr. Abiyyi galateeffataniiru.