Yaa’in ariifachiisaa Caffee Oromiyaa Wiixata dhuftu gaggeeffama

Yaa’in ariifachiisaa Caffee Wiixata; Fulbaana 28,2011 gaggeeffama. Yaa’ichi caasaalee mootummaa sadarkaa naannotti baay’atanii jiran gara bakka hojiin hawaasaa jiru; gandaa fi aanaaleetti gadi buusuuf wixinee labsii qophaa’erratti mari’atee ni raggaasisa jedhaniiru daayreektarri Koominikeeshinii fi Bulchiinsa Odeeffannoo Waajjira Caffee Oromiyaa obbo Haabtaamuu Damissee ibsa har’a gaazexeessitootaf laataniin.

 

Kun baajata, humna namaa fi beekumsa qixaan fayyadamuuf; kan sadarkaa naannotti tuulamee jiru bakka hojii fi namni jirutti gadi buusuuf kan kaayyeffatedha.

 

Caasaaleen naannorratti baay’chuun ala hojiin isaanii wal fakkaachuu isaatin, morkii keessa galames kan araarsudha.

 

Osoo waltumsuu qabanii hojii walirratti dhiisuus fura jedhameera.